Gara First Hill ykn isa darbanii konkolaachisuurra, beellamoota waldhaansaa ykn kunuunsa yaalaa laga osoo hin cehiin argachuu yaadaa:
- Kunuunsa Muddamsaa CHI Franciscan - Lixa Siyaatil
- Hospitaala CHI Franciscan St Anne - Burien
- Zoom + Care - Lixa Siyaatil
- Polyclinic - Lixa Siyaatil
- Giddugala Fayyaa Hawaasaa Sea Mar - South Park
- Hospitaala Waldhaansa Beeyladootaa Kibba SIyaatil
Qorannoo COVID-19 Bilisaa: Namni kamuu Siyaatil keessa jiraatu, hojjetu, ykn yeroo yeroon deddeebi’u qorannoo COVID bilisa argachuu ni danda’a. Haalli lammummaa/godaansaa keessan waan fedhes ta’u, qorannoo COVID-19 hayyamamaa dha. Qorannoowwan COVID-19 kunneenis bilisa. Inshuraansiin hin barbaachisu. Inshuraansii, Medicare ykn Medicaid yoo qabaattan, odeeffannoo kana dhiyeessuun kan isin irraa eegamu ta’ee, UW Medicine kanfaltii isaanii ni haguuga. Kanfaltiin isinirraa barbaadamu hin jiru. Qorannoo kanaaf sagantaa qabachuuf, inshuraansii qabaachuun ykn yaadannoon dooktoraa isin hin barbaachisu.