Iddowwan atobisiin dhaabbatu harowni Qarqara Bishaan Siyaatil irratti banamee jira, ollawwan kibba-dhiha Siyaatiliifi Kiing Kawunti tajaajiluuf

Torbaan darbe (Guraandhala 19-20), Kiing Kaawuntii Metroon dhaabbiwwan atobisaa lama bane, tokko kan gara kaabaa deemuu fi ka gara kibbaa deemu Alaskan Way S irratti S Jackson St tti kan kalaahu.

Dhaabbiwwan kun atobisa lakkoofsa 55, 56, 57, 113, 120, 121, 125, fi Sarara RapidRide C tajaajila. Tokkoon tokkoo karaawwan kanaa kan tajaajilu hawaasota ollaawwan Dhiha Siyaatilii fi Sulula Duwaamiishiti. Qubtumiwwan harawa atobisaa bona kana dhaabatoota atobisaa harawaati dabalaman.

Sagantaan ijaarsa qarqara bishaan Siyaatil dhaabatoota atobisaa kanaa fii karaawwan geejjibaa karaa Alaskan Way S, gidduu S King fi Columbia karaawwaan kanneenif bilookeettii fi elektirika ijaarsa bu’uraalee misoomaatiif arjoomanii jiru.

Sadaasa 2021 keessa, ijaarsi pirojeekti Qarqara bishaan Siyaatil boqannaa gamachiisaa irra gahe –karaawwan harawa gara kibbaa deemman moggaa dhiha karaa Alaskan Way irraatti banaa jira, kan karaa geejjiba kaabaa deemu dabalatu. As kaluu kana, dura ji’a kanaa (Guraandhala 2022), Qarqarri bishaan Siyaatil mallatoolee karaa harawaa ijaaruu xumure karaa moggaa baha Alaskan Way irratti, akka atobisiiwwan Kiing Kaawunti Metro karaa haaraa kaabaa deemu fayyadamuu eegalu hayyama keenneefii jira.

Walitti hidhaa geejjibaa qarqara bishaan irraa fooyyeessuun irraa guuddaa dursa Sagaantaa Qarqara bishaan Siyaatil kan ture ammas kan itti fufeedha. Ijaarsi deebisanii karaa Alaskan Way ijaaruun Columbia St irratti bara 2019 eegale akka karaa harawaa koriidari geejjibaa gama-lamaa deemu banuuf innaa ijaarsi dura eegalu sana, hidhannaa barbaachisaa ta’e kan geejjiba karaa 3rd Ave walitti hidhu keennuuf. Fooyyeeffamni Karaa Columbia erga banamee sirritti waggaa lamaa guute, Guraandhala 22, 2020 irratti.

Dhaabatiiwwan harawa atobisaa karaa Alaskan Way irra jiru foyyeeffama harawa kayamee dalagaa irraa oole hariiroo itti fufiinsaa gidduu Qarqara bishaan Siyaatil fii Kiing Kaawuunti Metro jiru ijaarsaa waggoota sadan darban keessati. Dhaabbiwwan atobisii harawaa kunneen geejjiba jidduu kibba-dhihaa Kiing Kaawunti fii walakkaa magaalaa Siyaatil fooyyeessa akkasumas imala guyyaa maaraa, taatewwan spoortiwwan gurguddaa fi kan biraa qunnamti irra caalaa keenna/dhiheessa/.

Dabalataan barachuuf: