Hayyama Seensa Low Bridge

Spokane St Swing Bridge (low bridge) konkolaattota dhimmoota muddamsaaf, tiraanziitiif, fi fe’umsa ulfaataaf banaa akka ta’an nu gargaaraa.

Yeroo ammaa kana, Low bridge, konkolaattota hayyama hin qabneef guyyaa hojiitti sa’aatii 5 a.m. hamma 9 p.m’tti akkasumas guyyaa boqonnaatti sa’aatii 8 a.m. hamma 9 p.m’tti cufaa dha. Sararootni filannoon itti fayyadamuun danda’amu kanneen akka the 1st Ave S Bridge ykn South Park Bridge fa’a dabalatu. Isin Low Bridge fayyadamuuf hayyama yoo hin qabaatiin, tokkoon tokkoo imala achirra taasiftaniif adabbiin $75 isiniif kennama. Odeeffannoo dabalataaf, lowbridgeaccess@seattle.gov irratti email taasisaa ykn hayyama seensaa dursa hayyamni kennameef gartuu kamtu fudhatama qaba isa jedhu baruuf asitti cuqaasaa (click here).