Of’eeggannoo Taasisaa

Cufamuun Riqicha High-Rise Lixa Siyaatil namoota sarara daandii jijjiirraa qe’ee Duwamish Valley kan akka Highland Park, Roxhill, South Delridge, Roxbury, Georgetown, South Park fi SODO keessa jiraatanirra muddansaa fi faalama qilleensaa geessisee/uumee jira.

Yeroon imala keessan wayita gahu, lafoo deemuu ykn wheeling,  biking ykn scooting, riding transit, vanpooling, ykn naannoo jireenyaa turuun, mataa dhukkubbii muddamsa tiraafikaan qabamanii turuutiin dhufu hambisuun, fayyaa namoota hawaasa dhiibbaan kun irra gahe keessa jiraatanii ni eega.

Konkolaachisuun keessan dirqamaa? Daa’immanii fi warra keessan guyyaa hunda gara mana barnootaa deeman/ irraa deebi’an ilaalaati, bahuu keessaniin dura kaameeraa tiraafikaa ilaalaa, achiin booda sa’aatii muddamsaan ala konkolaachisuuf karoorfadhaa.

Daangaan saffisaa daandiiwwan jireenyaa (non-arterial) hundi 20 MPH (Sa’aatiitti KM 20 dha). Daangaan saffisaa kan daandiiwwan arterial ammoo 25 MPH (Sa’aatiitti KM25 dha), yoo, addatti maxxanfame malee.

Hamminaa fi irra deddeebbii walitti bu’iinsaa akkasumas nama miidhuu fi ajjeessuu irratti Saffisni sababa isa ijoo dha.

Konkolaachiftootnis, namootni lafoo deeman, wheeling, dhokdhokkee, ykn scooters qabatan daandicha karaa qaxxaamuraa mallattoon itti godhamee FI hin godhamiinitti akka daandii qaxxaamuran hayyamuufii qabu.

Suuta oofuun, seera daangaa saffisaa hordofaa. Saffisni nama ajjeessa.

Wayita naannoftan, namoota lafoo deeman, gommaan sigigaatan, dhokdhokkee, fi scooters qabatan ilaalladhaa.

Wayita konkolaachiftan bilbila harkaa (moobaayila) qabatanii ergaa waliif barreessuu fi fayyadamuun seeraan dhorkaa dha.

Naannoo Mana Barnootaatti Konkolaachisuu

Manneen barnootaa yeroo jalqabbii fi xumuraa muddamsaan waan deebi’anii banamaniif, warra ijoollee fi daa’imman gara mana barnootaa fi mana barnootaa irraa wayita deebi’an lafoo deeman, dhokdhokkee qabatanii fi sigigaatan ni argitu. Daandiiwwan jireenyaa manneen barnootaatti dhiyoo jiran murtaa’an, yeroodhaaf, yeroo maatiin ijoollee mana barnootaa geessuu fi fuudhu iddoo banaa ta’anii tajaajila kennuuf daandiiwwan fayyaalessa ta’anii turu. Warri ijoollee fi dhaabbileen hawaasaa: leecalloowwan sarara daandii gara mana barnootaa geessu nagaalessa akka jiran ni beektuu?