Bakka Hojii fi Mana Barnootaa Fagoo

Manaa deddeebi’anii hojjechuu itti fufuun yeroo West Seattle High Bridge cufame sanatti tooftaa ijoo daandii jijjiirraa sanarraa tiraafika salphisuuf fayyade dha. fagaattanii deemtanii hojjechuu ykn barachuu yoo dandeessan, jiraattotaa fi maatiiwwan naannoo Lixa Siyaatil jiraniif faayidaa beeksisaa fi tajaajilawwan jiran armaan gadii itti fayyadamaa.

Commute Seattle kun Michuu Magaalaa biiznasiiwwan keessan karoora filannoo imalaa akka qabaatan gargaaru dha. (kunis: telework, sagantaa jijijjiiramaa, torbee hojii muddamaa, waajjiraalee sosso’an, vanpool, sagantaalee tiraanziitii, fi imala jijijjiiramaa) hojjetoota keessan Lixa Siyaatiliif fayyadan dha.

Tajaajila Intarneetii Baasii-Xiqqaan jiraattotaaf, kubbaaniyaawwan Siyaatil keessatti tajaajila intarneetii kennan adda addaa irraa ji’atti tilmaamaan gatii $10 ta’een ni kennama.

Manneen Dubbisaa Uummataa isaan kunis tajaajilawwan curbside, Argama Lixa Siyaatil lamaan dabalatee - Mana Dubbisaa Southwest (9010 35th Ave SW) fi Mana Dubbisaa High Point (3411 SW Raymond). Dameeleen mana dubbisaa kanneen lamaanis Tajaajila curbside printing-pick up ni kennu. 

Xfinity bilisaa Wi-Fi hotspots biinasiiwwan fi ala irratti bilisaan itti fayyadama uummataaf ni jiru. App moobaayilaa Xfinity (iOS | Android) ykn web browser keessan irraa argachuu ni dandeessu (kaartaa argama naannolee dhiyootiif zip code keessan miiljala page irratti galchaa).

Kompoiyuutaroota Irraa Hafaa Bilisaa Magaalattii Ejensiiwwan tajaalilaa namoomaa bu’aaf hin hundoofnee fi manneen barnootaa Siyaatil bu’uureffatan, akkasumas jiraattota Siyaatil tajaajilaniif ni jiru. Gartuun keessan jaarmiyaa bu’aaf hin hundoofne jiraattota Siyaatil tajaajilu 501(c)3 yoo ta’e, kompiyuutaroota irraa hafaa ta’an fudhachuuf ulaagaa ni guuttu.

Kompituutaroota Gatii Madaalawaa, isaan kun qindoomina Interconnection’tiin karaa Magaalattii argamu. Sagantaan kun laaptooppota, deeskitooppota, filaat iskiriiniiwwan, taableetota, fi high-end laptops haaromfaman gatii $99‘tiin ni dhiyeessa.

Bilbiloota Ismaarti Gatiin Hir’ifame fi hir’isni gatii tajaajila bilbilaa ji’a ji’aa maamiloota galii gad’aanaan jiraataniif dhiyaatee jira.