
Ejensiiwwan Geejjibaa Maal Isiniif Hojjechaa Jiru
Namootaa fi meeshaaleen haala nagaalessaa fi bu’aa qabeessaan Siyaatil keessa akka sosso’an taasisuuf, Magaalattiin hanqina guddinaa fi misooma irra deebii keenya salphisuuf piroojektootaa fi sagantaalee irratti invasti taasistee jirti.
Haalli imala keessan kan naannoo Siyaatil jijjiiramaa jira. Yeroon itti karoorfattan amma.
Guyyaa hunda, Magaalaan Siyaatil, bu’uura misoomaa tiraanziitii keenya, piroojektoota fooyya’insaa xixiqqoo fi gurguddoon jabeessuuf akkasumas daandiiwwan keenya baroota itti aananiif nagaalessa ta’uu isaanii mirkaneessuuf jecha gama lamaan hojjechaa jira. Magaalaa keenya yeroo baay’ee rakkisaa ta’etti akka keessa imaltan isin gargaaruuf yaadnee jirra.

Lixa Siyaatil
Riqichi High-Rise Lixa Siyaatil eega March 2020’tti cufamee, tooftaaleen sochii tiraafikaa naannichaa itti hir’isnu— fkn dhokdhokkeen, tiraanziitii qabachuun, ridesharing ykn naammooma turuun — namootaa fi meeshaaleen karaa nagaalessa akka socho’an taasisuuf tooftaa ijoo dha. Filannoo keessan barbaaddachaa.




Downtown
Namootni gara hojiitti waan deebi’anii fi biiznasiiwwanis deebi’anii waan banamaniif, ejensiiwwan geejjibaa biyya keessaa fi tiraanziitii keenyas, dhimmi geejjibaa fi tiraanziitii hawaasa imalaa jiruuf bu’aa qabeessaa fi nagaalessa ta’uu mirkaneessuuf hojjechaa jiru.


Magaalaan Siyaatil, Qajeelchi Geejjibaa Isteeta Waashingitan, King County Metro, Sound Transit, fi Buuftani Doonii Siyaatil namootaa fi meeshaaleen karaa nagaalessa akka socho’an taasisuuf qindoominaan hojjechaa jiru. Yeroo/sa’atii irratti hojjechaa kan jirru yommuu ta’u, kanaanis dursa odeeffannoo akka argattan gochuun dhiibbaawwan ijaarsaaf akka qophooftanii fi imaluuf karoorftan taasisa.